Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfaa seeraan ala qorichoota daddabarsaa turan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Namoonni dhuunfaa eenyama qorichoota gurguruus ta’e raabsuu hin qabne karaa seeraan ala qorichoota osoo daddabarsanii harkaaf harkatti to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Poolisiin eeruu hawaasarraa isa qaqqabe bu’uura godhachuun hordoffii taasiseen namoonni dhuunfaa lama konkolaataa Daamaas jedhamutti qorichoota garaagaraa fe’anii osoo socho’anii Bitootessa 25, 2015 Kutaa Magaalaa Addis Katamaa aanaa 10 naannoo Giddugala Gabaa Iffooyitaatti to’atamuu eerameera.

Shakkamtoonni kunneen qorichoota garaagaraa kanneen karaa seeraan alaa magaalaa Dirree Daawaarraa fiduufi eenyama qoricha gurguruus ta’e raabsuu akka hin qabne mirkaneessuu poolisiin ibseera.

Gochichi hawaasa daldalaa seera hordofee hojjeturratti dhiibbaa guddaa kan uumu ta’uu ibsamuu ragaan poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Gochi seeraan alaa gama qorichaan raawwatamu miidhaa inni fayyaa namootaarraan gahu hammaataa waan ta’eef hojiin gochoota seeraan alaa akka kanaa ifa baasuu cimee akka itti fufu poolisiin magaalichaa yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.