Fana: At a Speed of Life!

Koreen to’annoo fi hordoffii daldala seeraan alaa yeroo ayyaanaa hojiitti seene

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti seeraa alummaan akka hinbabal’anneef Koreen to’annoo fi hordoffii daldala seeraan alaa yeroo ayyaanaa hundaa’ee hojiitti seenuun ibsame.

Ayyaana Faasikaa fi Iidii sababeeffachuun meeshalee bu’uuraarratti qaamolee daballii gatii hinmalle taasisanirratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsameera.

Ayyaanotaa dhufanitti hawaasni sirnaan bittaa fi gurgurtaa akka raawwatuu fi hanqinni dhiyeessii oomishaa akka hinmudanneef dhiyeessii gahaa raabsuuf hojjetamaa jiraachuun eerameera.

Hogggantuun Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaan akka ibsanitti, ayyaanota Faasikaa fi Iidii dhufan sababeeffachuun meeshaalee bu’uuraa irratti daballii gatii hinmallee fi seeraan alaa oomsihaa kanneen kuusan irratti to’annoo fi hordoffii taasisuun tarkaanfii seeraa barbaachisaan ni fudhtama jedhaniiru.

Seeraa alummaan akka hinbabal’anneef Koreen to’annoo fi hordoffii daldala seeraan alaa yeroo ayyaanaa Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Finfinnee, Biiroon Daldalaa Finfinnee, Poolsii, Koominikeeshinii, Kabachiisa Dambii, To’annoo Nyaataa fi Qorichaalee akkasumas Eejensii Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee irraa walitti baba’ee hundaa’ee hojiitti seenuun ibsameera.

Rakkoolee nageenyaa yeroo ayyaanaatti mudatan ittisuufis korichi qophii gahaa taasisuun eeru ragaan Biiroo Kominikeeshinii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.