Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Adam Faaraahin durfamu daawwannaa hojiif Jibuutii gale

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Jilli Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahin durfamu daawwannaa hojiif Jibuutii galeera.

Jilichi wayita Jibuutii gahu Jibuutiitti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayeen simatameera.

Jilichi gara Soomaaliyaattis imaluun daawwannaa hojii kan taasise yoo ta’u, turtiisaan Pireezidaantii Soomaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun isaa kan yaadatamudha.

Mariisaaniin dhimmoota gam-lammeefi naannawaarratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.