Fana: At a Speed of Life!

Faransaayii fi Gamtaan Awurooppaa dhimma Waraanaa Raashiyaa-Yuukireenirratti mari’achuufi

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015 (FBC) – Guyyaa har’aa Faransaayii fi Koomishiniin Gamtaan Awurooppaa dhimma waraanaa Raashiyaa-Yuukireenirratti mari’achuuf gara Chaayinaatti imaluun gabaafame.
 
Chaayinaan dhimma Raashiyaarratti giddu seenuuf fedhii qabaachuu baattus, michuu itti dhiyeenyaa Pireezidaantii Raashiyaa Viliidmiir Putiin waan taateef, maricharraa bu’aa abdii qabeessi akka eegamu tilmaama argachuu Aljaziiraan gabaaseera.
 
Pireezidaantiin Faransaay Emaanu’eel Maakiroo fi Pireezidaantiin Koomishinii Gamtaa Awurooppaa Ursuullaa Voon Deer daawwannaa hojii guyyootaa sadiif Chayinaa seenaniiru.
 
Jilli hoji raawwachiistotaa 50 ol sagantaa daawwannaa Emaanu’eel Maakiroon keessatti hammachiifamuu eerameera.
 
Haala yeroo Yuukireenii fi Raashiyaarra darbee dhimmoota diinagdee fi daldalaa irratti Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin ni mari’atuun eegama.
 
Pireezidaantiin Faransaay hawasaa daldalaa Faransaay Chaayinaatti argaman waliin walarguun akka mari’atan eerameera.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.