Fana: At a Speed of Life!

Tiraampi mana murtiitti dhiyaataan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampi Mana Murtiitti dhiyaachuu himame.

Tiraampi har’a mana murtiitti dhiyaachuu isaanii hordofee Pireezidaantii Ameerikaa yakkaan himataman jalqabaa ta’aniiru.

Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampi Tootaa fiilmii saalqunnamtii saalaa duraanii Istoormii Daani’eelis waliin hariiroo saalaa raawwatan callisiisuuf Doolaara Ameerikaa kuma 130 kaffalaniiru jedhamuun himatamuu isaanii gabaafameera.

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa bara Faranjootaa 2016 osoo hin moo’atin dura Maallaqicha nama dhuunfaa kanaaf kaffaleera jechuun Niwuu Yoorkitti qorannoo cimaan irratti gaggeeffamaa tureera.

Maallaqni akka isheen hin dubbanneef kaffalame seeraan ala ta’uu baatus , wayita filannoof guyyoonni muraasni hafutti kaffalamuun duula na filadhaa akka waliin dhahuutti ilaallame jedhamuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.