Fana: At a Speed of Life!

Ityoo-Telekoomiifi Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa kenniinsa tajaajila murtii diijitaalaa hojiirra oolchuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015(FBC)- Ityoo-Telekoomiifi Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa waliigaltee kenniinsa tajaajila murtii diijitaalaa hojiirra oolchuu dandeessisu waliif mallatteessan.

Waliigaltichi kenniinsa tajaajilaa manneen murtii federaalaa teekinooloojiin deeggaruuf akkasumas adeemsa haqaa si’ataa ta’e lammiilee biraan gahuuf kan gargaaru ta’uu eerameera.

Bu’uura waliigaltichaan Ityoo-Telekoom bu’uuraalee misoomaa Infoormeeshin Koomunikeeshinii amansiisaafi sadarkaa isaa eeggate kan diriirsu ta’uu Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Ityoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruun ibsaniiru.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Teewoodiroos Mihirat gamasaaniin, kenniinsa tajaajila murtii teekinooloojii ammayyaan deeggaruun waliingahuufi amanamaa taasisuuf akkasumas yeroofi maallaqa qusachuun iftoomina mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Kana malees lammiileen sirna haqaarratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu kaasaniiru.

Qiddist Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.