Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen 193 fayyadamoo sagantaa sochoostota diinagdee mirgi addaa eeyyamameef ta’an

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015(FBC)- Komishiniin Gumruukaa dhaabbilee 193’f fayyadamoo sagantaa sochoostota diinagdee mirgi addaa eeyyamameef akka ta’aniif beekamtii kennuu ibsame.

Komishinarri Komishinii Gumruukaa obbo Dabalee Qaabataan, komishinichi itti gaafatamummaa isaa ba’achuuf hojiilee hojiimaata isaa ammayyeessuu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaan kunis raawwii loojistikii fooyyessuun akkasumas seera gumruukaaf bitamuu mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Dhaabbileen faayidaan kun kennameefis mirga argatan amanamummaafi of eeggannoon itti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaabbileen kenniinsa tajaajilaa mootummaa tajaajila dursaa dhaabbileen kunneen dhiyeessaniif hojiimaata ifaa ta’e diriirsuun hojiirra akka oolchan gaafataniiru.

Dhaabbileen fayyadamoo sagantichaa ta’an tajaajila gumruukaa keessatti tajaajila si’ataafi dursa akka argataniif carraa kan uumu ta’uu ibsamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.