Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Ityoophiyaa fi Angoolaa damee Biiznasiin jiru cimsuun barbaachisaadha – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015 (FBC) – Hariiroo Ityoophiyaa fi Angoolaa damee Biiznasiin jiru cimsuun barbaachisaa ta’uu Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsan

Ityoophiyaa fi Angoolaan damee Biiznasiin michummaa bara dheeraa qabaachuu Obbo Dammaqaan eeraniiru.

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Angoolaa yeroo hojii isaanii xumuran Firaansiik Joos Diikruuz gaggeessaniiru.

Ambaasaaddar Firaansiik Joos Diikruuz hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf gumaacha taasiisaniif galateeffatniiru.

Hariiroo Ityoophiyaa fi Angoolaa dhimma siyaasarra darbee dameewwan Biiznasii fi Invastimantiin jiru cimsuuf carraan jiraachuu Obbo Dammaqaan kaasaniiru.

Ambaasaaddar Firaansiik Joos Diikruuz gama isaaniin abbootiin qabeenyaa Angoolaa Ityoophiyaatti hojiilee misoomaarratti hirmaachuuf fedhii agarsiisuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.