Labsiin Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa Ityoophiyaa sagalee caalmaan raggaasifame
Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa labsii Waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa Ityoophiyaa sagalee caalmaan raggaasisuu ibsame.
Sirni waraqaa Eenyummaa Diijitaalaa sirna hunda hammataafi amansiisaa jiraattonni biyyattii itti galmaa’an diriirsuun akkasumas haalli itti fayyadama isaa bu’uura seeraa akka qabaatu taasisuun faayidaa qabaachuu eerameera.
Tajaajiloota waraqaa eenyummaa kanaan kennaman irratti hojiimaanni iftoominaafi itti gaafatamummaa akka diriiruuf akkasumas sirni kenniinsa tajaajila si’ataa akka jiraatuuf haalli mijataan kan uumamu ta’uu ibsameera.
Labsichi yeroo dheeraaf tajaajila kennuu akka danda’utti yaadamee kan qophaa’e ta’uu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
Manni marichaa dhimmicharratti erga mari’ateen booda wixineen labsichaa 1284/2015 taasisuun sagalee hin laanne tokkoofi sagalee caalmaan raggaasiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.