Tattaaffii Ityoophiyaan gara nageenyaa waaraatti ce’uuf taasiftu hawaasni Idil Addunyaa deeggaraa jira- MDhA
Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Tattaaffii Ityoophiyaan gara nageenyaa waaraatti ce’uuf taasiftu hawaasni Idil Addunyaa deeggaraa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam dhimmoota garaagaraa irratti ibsa miidiyaaleef kennaa jiru.
Ibsasaaniin, hojii nageenyaaf kallattii hedduun deeggarsi taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ameerikaa dabalatee Gamtaan Awurooppaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniifi Dhaabbileen Idil Addunyaa adeemsa nageenyaaf ilaalchaa gaarii qaban deeggarsaan agarsiisaa jiraachuun ibsaniiru.
Waliigaltee Piriitooriyaa booda ABUT tarree Shororkeessummaa jalaa baasuunii fi Bulchiinsa Yeroo hundeessuun jalqabbii abdii namatti horan ta’uu eeraniiru.
Dabalatanis Shanee dabalatee humnoota hidhatanii socho’an waliin rakkoo mariin hiikuuf tattaaffiin eegalame haala gaariin kan ilaalamu ta’uu kaasaniiru.
Jalqabbiin hojiilee deebisanii dhaabuu fi hojiirra oolmaa Ce’umsa Haqaa waliin walqabatee hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uus dubbataniiru.
Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.