Fana: At a Speed of Life!

Helekooptaroonni waraanaa Ameerikaa shaakalarra turan kufuu gabaafame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Helekooptaroonni waraanaa Ameerikaa “Bilaak Haawuk” jedhamuun beekaman lama shaakalarra osoo jiranii bulchiinsa Kiintaakiitti kufuu Waraanni biyyatti beeksiseera.

Dubbii himaan Waraanaa biyyattii Naandiis Turmaan, hangi namoota helekooptaroota kaneen keessa turaniifi balaan qaqqabe ifatti kan hin beekamne ta’uu eeraniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachus ibsaniiru.

Bulchaan bulchiinsa Kiintaakii Andii Bashir gamasaaniin, balichaan lubbun namoota darbee jiraachuu akka malu ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Poolisiin bulchiinsa Kiintaakiifi kutaan bulchiinsa balaa tasaa balichaaf deebii kennaa jiraachuu ibsuusaanii Rooyitars gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.