Ityoophiyaan walga’ii 43ffaa Koree Seera Kabachiisaa Dhaabbata Gumurukaa Addunyaarratti hirmaachaa jirti
Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan walga’ii 43ffaa Koree Seeraa Kabachiisaa Dhaabbata Gumurukaa Addunyaa Beeljiyam Biraaselsitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.
Walga’ii idil addunyaa guyyoota afuriif turu kanarratti Ittaanaa Koomishinaraa Komiishinii Gumurukaa Obbo Muluugeetaa Bayyanaa Ityoophiyaa bakka bu’un hirmaachaa jiru.
Koreen Seera Kabachiisaa Dhaabbata Gumurukaa Addunyaa bara 1983 kan hundeeffame barana waggaa 40ffaa isaa sagantaalee garaagaraan kabajata jedhameera.
Dabalataan yakkoota daldala seeraan alaa daangaa ce’oo fi kontirobaandii ittisuu fi hir’isuuf dhimmoota dandeessisanirratti kan mari’atan ta’uu ragaan Koomishinii Gumurukaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.