Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Dirree Incinniitti meeshaaleen koontiroobaandii to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Dirree Incinniitti meeshaaleen koontiroobaandii to’atamaniiru.

Meeshaaleen to’ataman konkolaataa fe’umsaatin dabarfamaa tureera.

Bunni kuntaalli 51, boba’aa barmeeliin 17, zayitiin nyaataa abbaan liitirri 20 soddomni, abban liitira sadii 12 fi sukkaarri kuntaalli 7 qabameera.

Meeshaan koontiroobaandii kun gara magaalaa Ambootti osoo geejibsiifamaa jiruu to’atamuu Waajjirri Poolisii Aanaa Dirree Incinnii beeksiseera.

Konkolaachistoonni meeshaalee kana dabarsaa turan poolisii jalaa kan miliqan ta’uu fi eenyummaan isaanii ammaaf kan hin beekamne ta’uu ragaan Waajjira Koominikeeshinii Mootummaa Aanaa Dirree Incinniirraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.