Fana: At a Speed of Life!

Sararri bilbilaa namoota hongeen miidhamaniif galii walitti qabuuf oolu ifoome

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti namoota hongeen miidhamaniif galii walitti qabuuf akka oolu Ityoo Teeleekoomiin sarara bilisaa ifoomseera.

Haaluma kanaan ergaawwan barreeffama gaggabaaboodhaaf 655, “E-birr”dhaaf ammoo 0655 ta’uu ifoomeera.

Itti Aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi Hoggansi Ityoo Teeleekoomii dhaadannoo “Anis ummata kootiif” jedhuun sagantaa deeggarsa walitti qabuu har’a ifatti eegalchiisaniiru.

Oromiyaatti sababa hongee mudaateen namoonni hedduun, keessattuu dubartoonni, daa’immaniifi maanguddoonni rakkoo namoomaa hamaaf saaxilamuu himameera.

Namoonni hawaasa hongeen miidhameef deeggarsa taasisuu barbaadan 655 irratti “OK” erguun Birrii tokkorraa jalqabee arjoomuu akka danda’an ifoomuu ragaan Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.