“Nageenyi daldalaaf; daldalli nageenyaaf” mata duree jedhuun mariin gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Giddugalli Intarpiraayizoota Dhuunfaa Idil Addunyaa mata duree “Nageenyi daldalaaf; daldalli nageenyaaf” jedhuun marii gaggeesseera.
Ministir Deetaan Ministeeraa Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’a waltajjicharratti nageenyi hojiilee invastimantii biyya keessaa fi bu’a qabeessummaa hawaasa daldalaaf dhimma bu’uuraa ta’uu himaniiru.
Ministeerichi Koomishinii Marii Biyyaalessaa dabalatee qaamolee dhimmichi ilaallatuu fi hawasa daldalaa waliin waliigaltee fi ijaarsa nageenyaa irratti qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Waltajjichi dhaabbilee daldalaa fi bakka bu’ootaa hawaasaa waliin damee daldalaa fi invastimantii irratti rakkoolee mudataa jiraniif gabaasni kallattii furmaataa dhiyaateera.
Bakka bu’oonni hawaasaa fi dhaabbilee daldalaa Naannolee Oromiyaa, Amaaraa,. Tigraay, afaar, Somaale fi Koomishiniin Marii Biyyaalessaa waltajjicharratti hirmaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.