Naannoo Tigraayitti talaalliin dhibee Gifiraa kennama jira
Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Naannoo Tigraayitti talaalliin ittisa dhibee Gifiraa kennama jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministeerichatti Itti Gafatamaan Deeskii Talaallii Dubartoota fi Daa’immanii Malkaamuu Ayyaalawu Faanaa Biroodkastiingi Koorporeetiif akka ibsanitti, naannichaatti duula kenniinsa talaallii dhibee Gifiraaf talaallii gahaan ergamuu ibsaniiru.
Naannichatti talaalliin kun Bitootessa 18, 2015 irraa eegalee kennamaa jiraachuu eeruun, tajaajilii Talaallicha walta’iinsaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi ‘UNICEF’n kennamaa jiraachuun ibsameera.
Duulli talaallichaa guyyoota 12’f kan turuu fi daa’imman kuma 831 oliin gahuuf karoorfamuun eerameera.
Sadarkaa biyyaalessaatti duulli kenniinsa talaallii dhibee Gifiraa Mudde 13-22, 2015’tti kennamuun ni yadatamaa.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.