Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qamaadii alaa galchuu irraa gara erguutti ceete –Ministeera Qonna

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan qamaadii kutannoon oomishuun biyyaa alaatii galchuurraa gara alaatti erguutti ce’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amaantee ibsan.

Ityoophiyaan waggaa waggaan qamadii kuntaala miiliyoona 17’f Doolaara miiliyoona 700 baasii taasisa turuun ibsameera.

Misoomni qamadii, Ityoophiyaa gara boqonnaa haaraatti kan jijjiiree fi daandii milkaa’inaa olaanaa ta’uu Dooktar Girmaan dubbataniiru.

Misooma qamaadiin milkaa’inni galmaa’e kuttannoo hoggantootaa, dhaabbiilee qorannoo fi oomishtoota kan agarsise ta’uun eerameera.

Qonnaan bultoonni teeknooloojii haaraa, mootummaan dhiyeessuuf eyyamamaa ta’ee fudhachuun hojirra oolchuuf fedhii fi kaka’umsa qabaachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.