Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan shaakalaa loltummaa misaa’eela baalastikii “Yaarsi” jedhamuu eegalte

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Raashiyaan misaa’eela baalastikii fageenyaa dheeraa “Yaarsi” jedhamuu hojirra oolchuuf shaakala loltummaa taasisuu eegaluun gabaafame.

Misaa’eelli kunis fageenya dheeraa hanga kiiloo meetira kuma 12 furguggifamuu akka danda’u fi meeshaalee niwukilaraa baachuu ajjaa danda’uu ibsameera.

Shaakalli loltummaa Raashiyaan eegalte ejjennoo Niwuukilara ishee kan cimsuudhas jedhameera.

Shaakala loltummaa kanarratti loltoonni kumni 3 akka hirmaatanii fi misaa’eloonni 300 akka shaakalaaf oolfaman Aljaziiraan ministeeraa ittisaa biyyaa Raashiyaa wabeeffachuun gabaaseera.

Misaa’eelii Balaastikii sochii isaa Kutaa bulchinsaa Raashiyaa 3 keessatti kan taasisuu ta’uu Ministeerichi eereraa.

Pireezidaantiin Biyyatti Vilaadmiir Putiin, misaa’eelli balaastikii ‘Yaarsi’kun meeshaa waraanaa haleellaaf hinsaaxilamne Mooskoon qabdu keessa tokko taasisuuf karoorfachuu ibsaniiru.

Raashiyaan Yuukireen waliin erga waraana jalqabde, dhuunfaa fi biyyoota garaagaraa waliin shaakala loltummaa taasisaa turteetti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.