Yuunivarsiitiin Waldiyaa barattoota muummee garaagaraan barsiisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Bitootessa 16, 2015(FBC)- Yuunivarsiitiin Waldiyaa barattoota muummee garaagaraan digirii jalqabaafi 2ffaan barsiisaa ture guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Eebbifamtoota keessaa 160 barattoota dubaraa 430 ammoo dhiirota ta’uu eerameera.
Yuunivarsiitichi mooraawwan Waldiyaa, Marsaafi Laallibalaatti giddugaloota leenjii fayyaa, tuurizimii, qonnaafi teekinooloojii hojjechaa jiraachuu Pireezidaantiin yuunivarsiitichaa Abbabaa Girmaan ibsuu AMCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.