Aadde Adaanech Afrikaa Bahaa fi Kibbaatti Itti Aantuu Pireezidaantii Baankii Addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC) –Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Afrikaa Bahaa fi Kibbaatti Itti Aantuu Pireezidaantii Baankii Addunyaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa waliin dhimmoota misoomaarratti mari’ataniiru.
Dhimmoota misoomaa fi ga’oomina dubartootarratti tumsa jiru caalmaatti haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu isaanii Aadde Adaanach fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Afrikaa Bahaa fi Kibbaatti Itti Aantuun Pireezidaantii Baankii Addunyaa Viiktooriyaa Kiwaakiwaa daawwannaa hojiif Ityoophiyaatti argamu.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.