Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan kitaaba Dhaloota Ida’amuu miseensota hawaasa dippiloomaatikiitti beeksisuu gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015(FBC)- Sagantaan kitaaba Dhaloota Ida’amuu miseensota hawaasa dippiloomaatikii teessoo isaanii magaalaa Finfinnee taasisanitti beeksisuu gaggeeffamuu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa saganticharratti haasawaa taasisaniin, Kitaabni Dhaloota Ida’amuu yaadota rakkoolee mudataa jiran furuuf kallattii argisiisan haaraan of keessatti hammachuu ibsaniiru.

Yaadota beekumsaa dhaloonni waloon keessa darbaniifi keessa jiraatan walitti hidhuun yaada biyya badhaate uumuuf akka tattaafatan isaan dandeessisu ofkeessatti qabachuus kaasaniiru.

Pirees Seekreetariyaatiin Muummee Ministiraa Billanee Siyyum gamasaaniin, kitaabichi dhaloota darban kan egeree waliin kan walitti hidhuufi olaantummaa yaadaarratti hundaa’uun faayidaa mariifi waliigalteen biyyaaf qabu kan ol kaasu ta’uu dubbataniiru.

Gurgurtaan kitaabichaas misooma hawaasarratti xiyyeeffatan garaagaraaf kan oolu ta’uu ibsuusanii EBCn gabaaseera.

Saganticharratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, keessummoonni kabajaafi hooggantoonni dhaabbilee garaagaraa argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.