Hojiilee Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaarratti dhaabbilee tumsitootaa idil addunyaa waliin mari’atame
Finfinnee, Bitootessa 14, 2015 (FBC)- Hojiilee Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaarratti dhaabbilee tumsitootaa idil addunyaa waliin waltajjiin marii Finfinneetti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti, Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa, Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Samaariitta Sawaasawu, Qindeessituun Deeggarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kaatiriin Soosii fi Bakka Bu’aa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Turhaan Saaleehi argamaniiru.
Loltoonni duraanii karaa nagaan hawaasatti akka makaman taasisuuf mariin kaayyeeffate kanaan duraa Maqaleetti gaggeeffamuun ni yaadatama.
Fuuldurattis Magaalaa Baahirdaar, Samaraa fi Magaalotaa birootti akka gaggeeffamu ibsameera.
Mootummaan Ityoophiyaa naannawaalee walitti bu’iinsaan miidhaman deebisee ijaaruu fi lammiileen qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf, hojiilee qabeenyaa walitti qabuu qindoominaan gaggeessaa jiraachuun waltajjicharratti himameera.
Dabalataan, nageenya waaraa fi misooma mirkaneessuuf, loltoonni duraanii hidhannoo akka hiikkatan taasisuu fi leenjii haaromsaa kennuun gara hawaasaatti makuun hojjetamaa jiras jedhameera.
Gaaffii Mootummaa Ityoophiyaa hordofee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Koomishinii Haaromsaaf deeggarsa meeshaalee taasisaa jiraachuun eeramuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.