Fana: At a Speed of Life!

Dirree diijitaalaa carraa hojii uumuuf itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015(FBC)- Dirree diijitaalaa carraa hojii uumuuf itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamil ibsan.

Aadde Muufariyaat Kaamil dhaabbata miti mootummaa Eeksilar jedhamu waliin haala dirree diijitaalaa carraa hojii uumuuf itti fayyadamuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Aadde Muufariyaat dameeleen carraa hojii hedduun jiraachuu kaasuun, kanneen keessaa dirreen diijitaalaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan diinagdee diijitaalaarraa fayyadamoo ta’uun akka danda’amuuf dirree isaa mijataa taasisuuf tarkaanfilee garagaraa fudhachaa jiraachuu fi hojiimaatilee addaa addaa diriirsaa jiraachuu eeraniiru.

Dirree diijitaalaa biyyattiin qabdu carraa hojii uumuuf itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu eeruun, kanaaf ammoo ministeerichi deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.