Fana: At a Speed of Life!

Magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira- MMBM

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015(FBC)- Magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuuf mootummaan xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa ibse.

Ministeerichatti hogganaan Bulchiinsaafi Dhiyeessii Manneen Magaalaa obbo Tsaggaayee Muusheen, hanqina manneen magaalaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Fedhiifi dhiyeessiin manaa walsimuu dhabuun akkasumas manneen dulloomaniifi sadarkaan gadi ta’an baay’achuun rakkoolee ijoo damichaa ta’uu ibsameera.

Lammiileen biyyattii galii isaaniirraa %60 kiraa manaaf kan oolchan ta’uu kaasuun, magaalonni babal’ina manneen jireenyaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu jedhaniiru.

Mariin tarsiimoo misooma manneenii haaraarratti xiyyeeffate magaalaa Dabra Birhaanitti gaggeeffamaa jira.

Maricharratti kantiibonniifi bakka bu’oonni magaalota biyyattii 80 olirraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.

Salaam Asaffaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.