Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti biqiltuu miiliyoona 26 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015 (FBC)- Godina Boranaa biqiltuu miliyoona 26 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Waajjirri qonnaa Godinichaa beeksise.

Aanaa Yaaballootti biqiltuuwwan miiliyoona 2 fi kuma 500 dhaabuuf hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii eegalameera.

Ittaanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Booranaa Obbo Jaarso Qancoorro akka jedhanitti robaa argameen Aanaalee 13 fi bulchiinsa magaalaatti biqiltuuwwan miliyoona 26 dhaabuuf karoorfameera.

Hanga ammaattis, hanga ammaattis biqiltuun miiliyoona 6 kan dhaabaman ta’uu himaniiru.

Dabalataanis daagaawwan adda addaa kiiloo meetira kuma 1 fi 216 hojjetamuu, lafa dheedumsaa hektaara kuma 32 fi 960 tuttuqaarraa daangeffamuu ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Yeroo roobni jirutti abbootiin warraa godinichaa hundi dhuunfaan biqiltuuwwan shan dhaabuu akka qaban Obbo Jaarsoon dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.