Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti qonna Arfaasaaf xaa’oon kuntaalli kumni 229 dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti qonna Arfaasaaf hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli kumni 229 dhiyaachuu Waajjirri Waldaalee Hojii Gamtaa godinichaa beeksiseera.

Qonna arfaasaatiif xaa’oo kuntaala kuma 500 dhiyeessuu karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli kumni 229 ol dhiyaachuu Itti gaafatamaan waajjira babal’inna waldaalee hojii gamtaa godina Arsii Lixaa obbo Muhaammad Baatii ibsaniiru.

Yeroo ammaa xaa’oon mankuusaa Yuuniyeenotaafi waldaalee bu’uuraa galuu eeraniiru.

Faddaaltotaafi waldaalee gatii dabalan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.