Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Misgaanuun Daayrektara Olaanaa Dhimmota Siyaasaa biyyoota Beeneeluuksi waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) –Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Daayrektara Olaanaa Dhimmota Siyaasaa biyyoota Beeneeluuksi waliin mari’ataniiru.

Daayrektara Olaanaa Dhimmota Siyaasaa Beeljiyeem,Neezarlaandii fi Luukzambarg waliin hojiilee Ityoophiyaatti nageenyaa waaraa fi tasgabbii buusuuf hojjetamaa jirurratti mari ‘ataniiru.

Ityoophiyaan waliigaltee biyyaalessaa uumuuf komishinii maree biyyaalessaa hundeessuu fi ce’umsa sirna haqaa ifoomsuun hojii jajjabeessaa ta’uu daayrektarichi ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen yeroo itti aanu hariiroo hunda galeessaa Ityoophiyaa waliin qaban cimsuuf murannoo qabaachuu mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.