Fana: At a Speed of Life!

Godaantoota Somaaliyaa Ityoophiyaatti argamaniif deeggarsi yeroo ariifachiisaa Doolaarri miiliyoonni 116 kan barbaachisu ta’uu eerame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Godaantoota Somaaliyaa Ityoophiyaatti argamaniif deeggarsi yeroo ariifachiisaa Doolaarri miiliyoonni 116 kan barbaachisu ta’uu Dhaabbata Mootummooota Gamtoomaniitti Ejansiin Godaantootaa beeksiise.

Waldhabdee baatii darbe Somaaliyaatti mudateen walqabatee lammiileen biyyattii kumni 100 gara Ityoophiyaa seenuu isaanii ibsameera.

Godaantoota Somaaliyaa gara Ityoophiyaatti godaanaan keessaa hedduun isaanii dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota ta’uu eerameera.

Mootummaan Ityoophiyaa fi hawaasni biyyattii godaantoota kanneen simachuun deeggarsa barbaachisu taasisaa turuu Ejansichatti Daayrektarri Afrikaa Kileemanti Nikweetaan ibsa laataniin himaniiru.

Yaa ta’uutii lakkoofsi godaantootaa dabalaa dhufuu isaan deeggarsi yeroo ariifachiisaa barbaachisaa ta’uu kaasuu ragaan Dhaabbata Mootummooota Gamtoomaniirraa argame ni mul’isa.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.