Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen kunuunsa naannoo Ityoophiyaa biyyoota biroof muuxannoo kan ta’udha- Eelzaabeet Maaruumaa

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015(FBC)- Hojiileen kunuunsa naannoofi jijjiirama qabeenya qillensaa ittisuu Ityoophiyaatti hojjetamaa jiran biyyoota biroof muuxannoo kan ta’an ta’uu Ittaantuun Daayrektara Olaanaa Sagantaa Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Eelzaabeet Maaruumaa ibsan.

Ministir Deetaan Ministeera Misoomaafi Pilaanii obbo Saasdookaan Dabbabaan jila Sagantaa Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataniiru.

Ittaantuun Daayrektara Olaanaa Sagantaa Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Eelzaabeet Maaruumaa, hojiilee Ityoophiyaan ittisa jijjiirama qabeenya qilleensaafi eegumsa naannoo irratti hojjechaa jirtu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin beekkamtii kan kennisiisuuf ta’uu eeraniiru.

Hojii biyyattiin gama kanaan hojjechaa jirtu biyyoota biroof muuxannoo kan ta’u ta’uus kaasaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa bu’aa qabeessaafi naannawaa jireenyaaf mijataa ta’e kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Hojiileen kunneen cimanii akka itti fufaniif deeggarsi Sagantaan Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taasisu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeera Misoomaafi Pilaaniirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.