Fana: At a Speed of Life!

Hanga Bara 2030tti dhibee Sombaa balleessuuf murannoon hojjetamaa jira – Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Mootummaan hanga Bara 2030tti dhibee Sombaa balleessuuf murannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Waggoottan kurnan lamaan darbanitti dhibee Sombaa Ittisuuf qorannoo fi qo’aannoon gaggeeffame bu’aa qabeessa kan ture ta’uu eeraniiru.

Yaa’iin Qorannoo Dhibee Sombaa 17ffaan mata duree ‘Dhibee Sombaa Ittisuuf furmaata biyya keessaa’ jedhuun Magaalaa Goondaritti gaggeeffamaa jira.

Dhibicha ittisuu fi to’achuuf qorannooleen rakkoo hiikuu danda’an garaagaraa gageeffamuu Daayrektarri Inistiityuutii Qorannoo Armaawar Hasanii fi gorsaan Mana Maree Qorannoo dhibee Sombaa Piroofeesar Afawarqi Kaasuun ibsaniiru.

Yeroo itti aanuus dhibicha ittisuu fi baleessuuf qorannooleen garaagaraa kan hojjetaman ta’uu eeraniiru.

Hojiilee Ittisaa fi to’annoo dhibee sombaa bu’aa qabeessa taasiisuuf qorannoon fi qoo’annoon manni marichaa gaggeessu ijoo ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan kaasaniiru.

Minaale Ayyanawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.