Fana: At a Speed of Life!

Biriitaaniyaan hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaaf kan tumsitu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Misoomaa fi Dhimmoota Afrikaa Biriitaaniyaa Andiriiw Miishal waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Biriitaaniyaan tumsa misoomaa fi michummaa yeroo dheeraa lakkoofsise qabaachuu Obbo Dammaqaan eeraniiru.

Dhimmoota hariiroo kana caalmaatti cimsanirratti hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Raawwiin Waliigaltee nageenyaa hanga ammaatti jiru haala nageenya waaraa mirkaneessuun adeemaa jiraachuu fi abdii kan namatti horu ta’uu kaasaniiru.

Wayita walitti bu’iinsaa qaamolee yakka raawwatan seeraan gaafachuuf sirna ce’umsa haqaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Dammaqaan eeraniiru.

Biriitaaniyaatti Ministirri Misoomaa fi Dhimmoota Afrikaa Andiriiw Miishal gama isaaniin Biriitaaniyaan hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaaf kan tumsitu ta’uu ibsaniiru.

Biriitaaniyaan rakkoolee hongee fi dhimmoota biroon walqabatee Ityoophiyaa muudate dandamachiisuuf dhaabbilee deeggartootaa fi dhaabbilee idil addunyaa biroo waliin ta’uun tumsa barbaachisu hunda kan taasiiftu ta’uu ibsuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.