Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 18ffaa har’a gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarseera.

Manni Marichaa, wixinee labsii abbummaa dhaabbilee misoomaa mootummaan qabamaniirratti kan mari’atee yoo ta’u, guddina diinagdee biyyaaf akka gumaachutti kan wixinee qophaa’ee waan ta’eef, bal’inaan irratti mari’achuun akka raggaasifamuuf gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

Kana malees, wixineewwan labsii, gibira dachaa hambisuu fi taaksii burjaajessuu ittisuuf, mootummaan Ityoophiyaa, Mootummaa Luugzimbargii fi Konfedereeshinii Siwiiz waliin waliigalteewwan taasifameerratti mari’ateera.

Manni marichaas wixinee labsichaarratti erga mari’ateen booda galtee yaadaan gabbisuun mana maree bakka bu’ootaaf akka qajeelfaman sagalee guutuun murteesseera.

Dabalataan, wixinee dambii, fooyyessa dambii hundeeffamaa Koorporeeshinii Geejjiba Baaburaa dhiyaaterratti, mari’achuun kaappitaalaa, ergama isaa milkeessuu fi ga’umsa fooyya’aa akka qabaatuuf kaappitaala eeyyamaame Birrii biiliyoona 221tti akka fooyyeeffamuu fi kaappitaalli maallaqa callaa fi akaakuun kaffalame Birri biiliyoona 120 akka ta’uuf wixine dambii dhiyaaterratti mari’achuun, guyyaa Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtoo dabarseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.