Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Sagantaan wabii nyaataa fi fooyyaa’insa jireenyaa namoota kuma 11 ol fayyadamoo taasiisu ifoome

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Sagantaan wabii nyaataa fi fooyyaa’insa jireenyaa namoota kuma 11 ol fayyadamoo taasiisu ifoomeera.

Sagantaa wabii nyaataa fi fooyyaa’insa jireenyaa marsaa 2ffaa,3ffaa fi faayinaasii dabalataa magaalaa Jimmaa har’a ifoomeera.

Magaalaa Jimmaatti sagantichi bara darbee namoota kuma 3 fi 730 hammachuun gandoota 4 keessatti kan jalqabame yoo ta’u, bara kana gara gandoota 13 keessatti namoota kuma 11 ol fayyadamoo kan taasiisu ta’u qindeessaan sangataa wabii nyaataa fi fooyyaa’insa jireenya magaalaa Jimmaa Obbo Habtaamuu Maammoo fbctti himaniiru.

Namoota sagantichaan fayyadaman kuma 11fi 188 keessaa namootni kumni 1fi 790 deeggarsa kallattii kan argatan ta’u ibsaniiru.

Sagantichi gosoota hojii qulqullina magaalaa, qonnaa magaalaa, magarisummaa, hojii misooma sululaa fi bu’uuraalee misoomaa xixiqqaa irratti kan xiyyeeffatu ta’uu Hojii gaggeessaan mana qopheessa magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar dubbataniiru.

Piroojektichi namoota rakkoo keessa jiran gara hojiitti galchuuf baankii addunyaa waliin kan hojjetu ta’u eerameera.

Sagantaa wabii nyaataa fi fooyyaa’insa jireenyaa marsaa 2ffaa,3ffaa fi faayinaasii dabalataa kanaaf Birriin miiliyoonni 192 ramadamu himameera.

Tamasgeen Allebbaachootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.