Fana: At a Speed of Life!

Tuutni Gadaa Sabbaaqaa Tuuta Gadaa Dhiphisaatti Baallii/Alangee dabarse

Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC)- Sirni Walharkaa Fuudhiinsa Baallii Gadaa Oromoo Ituu, Humbannaa fi Afran Qalloo Marsaa 5ffaan Tuutni Sabbaaqaa Tuuta Dhippisaatti Baallii/Alangee dabarseera.

Sirni walharkaa fuudhiinsa Baallii/Alangee Ardaa jilaa Odaa Bultumitti gaggeefameera.

Sagantaa kanarratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaaniin dabalatee Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo, Hawwan Siinqee, keessummoonni biyya keessaa fi alaa, hawaasni Oromoo Ituu, Humbannaa fi Afran Qalloo argamaniiru.

Sirni walharkaa fuudhiinsa Baallii/Alangee kun Guraandhala 28, 2015 irraa eegalee sirna garagaraan Ardaa jilaa Odaa Bultumitti gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Tuutni Gadaa Sabbaaqaa Yuuba Gadaa Shaamil Ahmadoon, Tuuta Gadaa Dhiphisaa Abbaa Gadaa Huseen Tunaatti Alangee/Baallii dabarsuu ragaan Kominikeeshinii Harargee Lixaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.