DhFA meeshaalee wal’aansa balaa tasaa meetirik toonii 35 Naannoo Tigraayitti qoodaa jira
Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Fayya Addunyaa meeshaalee wal’aansa balaa tasaa meetirik toonii 35 dhaabbilee fayyaa Naannoo Tigraayitti argamaniif raabsaa jiraachuu beeksise.
Dhaabbatichi, Deeggarsa Namoomaa fi Eegumsa Siviilii Gamtaa Awurooppaa, Dhaabbata Gargaarsaa Ameerikaa akkasumas Fandii Balaa Tasaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun kan erge ta’uu ibsameera.
Marsaa xumuraan dhiyeessii ergeen meeshaaleen wal’aansa fayyaa meetirik toonii 35 Naannoo Tigraayitti raabsamaa jiraachuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mu’isa.
Dhiyeessichi naannichatti namoota deeggarsi barbaachisuun kuma 700 ta’aniif kan oolu ta’uu fi dhaabbilee fayyaa godinaalee Giddugaleessaa fi Kaaba Dhihaa naannichatti argaman 48’f qoodamaa jiraachuun ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.