Oomishaaleen garaagaraa karaa seeraan alaa biyyaa bahuun qabeenya keenya nu dhabsiisaa jiru- Obbo Dammaqaa Makonnin
Finfinnee, Bitootessa 11, 2015(FBC)- Oomishaaleen garaagaraa karaa seeraan alaa biyyaa bahuun qabeenya keenya nu dhabsiisaa jiru jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin.
Waltajjiin Qindaa’aan Dippiloomaasii Diinagdee Biyyaalessaa hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffamaa jira.
Obbo Dammaqaan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, hanqina gama daldala alaarraan jirurraan kan ka’e oomishaaleen garaagaraa karaa seeraan alaa gara biyyoota alaatti kan ba’an ta’uufi qabeenya biyyaa dhabamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Waggoottan darbanitti hojiilee invastimantii hojjetamaniin jijjiiramoonni jiraatanis hojiileen hafan jiraachuu kaasaniiru.
Biyyattiin haala amma keessa jirtuun diinagdee dadammaqsuuf invastimantii jajjabeessuufi seer-maleessummaa dhabamsiisuun barbaachisaa ta’uu eeruun, kanaaf ammoo naannoleen qaamolee dhimmamtootaa waliin qindoominaan hojjechuu qabu jedhan.
Waltajjiin Qindaa’aa Dippiloomaasii Diinagdee Biyyaalessaa bara 2003’tti bifa qindaa’aa ta’een gara hojiitti seenuun isaa kan yaadatamudha.
Waltajjii guyyaa har’aan hojiileen koree biyyaalessaa sirna invastimantii saffisiisuuf hundaa’eefi hojiin koree biyyaalessaa farra kontiroobaandii kan gamaaggamamu ta’uu ibsameera.
Taarikuu Laggasaafi Hayimaanot Wandiraaditu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.