Kenniinsa tajaajila Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa cimuuf Mootummaan deeggarsa taasisu cimse itti fufa – Afyaa’ii Taaggasaa Caafoo
Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)-Mootummaan Tajaajila Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa caalmaan guddisuuf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa Taggaasaa Caafoon ibsan.
Hoggantoonii fi Miseensonnii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kenniinsa tajaajila Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa dawwataniiru.
Afyaa’iin Mana Marichaa Taggasaa Caaffoo “Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Afrikaatti filatama, guddichaa fi dhaabbata adda dureedha” jedhan.
Balalii daandii qilleensicha bu’aa qabeessa akka ta’uuf mootummaan xiyyeeffanna addaan kan itti fufu ta’uu ibseera.
Hojii Rawwachisaan Daandii Qilleensicha Obbo Masfiin Xasaawu, Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa waggoottan 77 adeemsa guddinaarraa akka jiru eeruun, yeroo ammaa tajaajilaamtoota miiliyoona 13’f tajaajila balalii kennaa jiraachuu ibsaniiru.
dabalataan, daandiin qilleensichaa xiyyaarota 141 kan qabu yoo ta’uu, biyyoota 131tti tajaajila balallii kenna jira jedhan.
Xiyyaroota kanneen keessaa 126 tajaajila geejjiba imaltoota, 15 immoo tajajaila fee’umsa meeshaalee kan kennaniidha.
Daandiin qilleensichaa galmoota imaammata jijjiiramaa qopheessuun hanga bara Faranjootaa 2030tti xiyyaarota isaa 141 irra 200tti, lakkoofsa imaltootaa ammoo miiliyoona 13 irraa miiliyoona 65tti guddisuuf hojjechaa jiraachuu ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.