Ga’umsi ogeeyyii Fayyaa tajaajila yaala fayyaa qulqullina qabu laachuuf murteessadha – Dooktar Liyaa Taaddasaa
Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC) – Ga’umsii fi kaka’umsi ogeeyyii Fayyaa tajaajila yaala fayyaa qulqullina qabu laachuuf murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsan.
Yaa’iin waggaa Waldaa Ogeeyyii Yaalaa 59ffaa fi agarsiifni fayyaa idil addunyaa gaggeeffamaa jira.
Ministeerri Fayyaa sirna tajaajila yaalaa guddisuuf tarsiimoo garaagaraa baasuun qooda fudhattoota hunda waliin hojjechaa jiraachuu Dooktar Liyaan yaa’icharratti argamuun ibsaniiru.
Tajaajila fayyaa qulqullinaa fi haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf tajaajila ragaa bu’uura godhate laachuun, sirna faayinaansii fi hoggansaa cimsuun murteessaa ta’uu dubbachuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.