Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti balaa Ibiddaa mudateen manneen daldalaa 42 barbaada’an
Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC) – Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 10tti balaa Ibiddaa mudateen manneen daldalaa 42 barbaada’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Balaan kun kaleessa galagala kutaa magaalichaa Aanaa 10 naannawaa Giddu Gala Gabaa Kolfee Ifooyitaa jedhamutti mudachuu isaa ibsameera.
Hirmaannaa hojjettoota Ittisa balaa Ibiddaa fi hawaasaan bilicha miidhaa caalu osoo hin qaqqabsiisin to’achuun danda’amuu Ogeessi Hariiroo Ummataa Komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoon Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ibsaniiru.
Maallaqni hangi isaa ammaaf hin beekkamne balicha jalaa baraaramuu eeraniiru.
Balichaan miidhan namarra qaqqabe kan hin jirre ta’uu fi ka’umsi isaa qoratamaa jiraachuu himaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.