Fana: At a Speed of Life!

Gumiin Balal marsaa 30ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC)- Gumiin Balal marsaa 30ffaan mataduree “Kalaqaa fi Teeknooloojii Walqixxummaa Koorniyaaf” jedhuun gaggeeffame.

Waltajjichi Guyyaa Dubartoota Addunyaa sababeeffachuun kan qophaa’e yoo ta’u, fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu keessatti hudhaawwan jiran akkaataa furuun danda’amurratti xiyyeeffachuun kan mari’atame ta’uu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Guyyichi rakkoowwan biyyoota garaagaraa keessatti dubartoota mudachaa turee fi yeroo ammaa fooyya’aa dhufe yaadachuun, gama siyaasaan, hawaasummaafi dinagdeen dubartoota caalmaan cimsuu irratti xiyyeeffachuun haalaa hojjechuun danda’amurratti mari’atameera.

Jijjiirama dhufeen imaammanni barnootaa dubartoota hirmaachisuu, hirmaannaa dinagdee keessatti qaban fooyyessuun fayyadamtootaa taasisuu danda’ameera jedhame.

Akkasumas, dubartoota aangessuu hirmaannaan dubartootaa gamaa siyaasaan jiru dabaluu himameera.

Jijjiiramoonni kunneen jiraatanis, karaa guutuu ta’een koorniyaa idileessuu irratti hanqinni jiraachuu fi rakkoolee kanneen qorannoof qo’annoon adda baasuun furuun murteessaa ta’uun ka’eera.

Dubartoota saayinsii fi teknoloojiin ijaaraa deemuun addunyaa dijitaalaa keessatti akka qooda fudhatan taasisuu irratti hojjechuun akka barbaachisu ta’uun waltajjii marii kanarratti akkeekameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.