Fana: At a Speed of Life!

Antoonii Biliinkan murannoo mootummaan Ityoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaa hojiitti hiikuuf qabu dinqisiifatan

Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) –Ministirri Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan murannoo mootummaan Ityoophiyaa waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa hojiitti hiikuuf qabu dinqisiifataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa waldhabdee Kaaba biyyatiitti muudatee tura karaa nagaan furuuf waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa fi Naayiroobii hojiitti hiikuuf murannoo agarsiise Antoonii Biliinkan dinqisiifataniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan wayita Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasiisan Faanaa Biroodkaastiing Korporeet waliin turtii taasiisaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa waliigaltee nageenyaa Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaa fi Keeniyaa Naayiroobitti taasiifame hojiitti hiikuuf tattaaffii taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Hojiirra oolmaan waliigaltichaa Ityoophiyaatti nageenya waaraa buusuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Lubbuu namootaa baraaruu fi lammiilee sababa waraanaan miidhaman deebisaanii dhaabuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Naannoo Tigraayitti tajaajiloota bu’uuraa hojii eegalchiisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman jajjabeesssaa ta’uu eeraniiru.

Qaamni hundi faayidaa biyyaa fi ummataaf jecha waliigalticha rakkoo tokko malee raawwachuuf qooda isaanii ba’uu akka qaban gaafataniiru.

Antoonii Biliinkan turtii Ityoophiyaatti taasiisaniin Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dabalatee hoggantoota mootummaa fi dhaabbilee garaagaraa waliin mari’achuun kan yaadatamuudha.

Yoonaataan Yooseeftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.