Piriimaayeer Liigiin Ityoophiyaa torbee 18ffaa eegalee magaalaa Adaamaatti taphatama
Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) – Piriimayeer Liigiin Ityoophiyaa torbee 18ffaa eegalee magaalaa Adaamaatti kan taphatamu ta’uu Dhaabbanni Liigichaa beeksiise.
Taphoonni Piriimaayeer liigichaa hanga torbee 17ffaatti magaalaa Dirree Dawaatti gaggeeffamaa tureera.
Taphoonni Piriimaayeer liigichaa torbeewwan 5’f Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti kan taphatamu ta’uu ragaan Beetikiingii Piriimaayeer Liigii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.