Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan guutumman hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa hordofee Ityoophiyaa garaa ‘AGOA’tti deebisuuf kutannoo qabaachuu Antoonii Bilinkan ibsan

Finfinnee, Bitooteessa 7, 2015 (FBC)- Ameerikaan guutumman hojiirraa oolmaa waliigaltee nageenyaa hordofee Ityoophiyaa fayyadamtuummaa ‘AGOA’tti deebisuuf kutannoo qabaachuu Ityoophiyatti daawwannaa kan taasisan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan dubbatan.

Antoonii Biliinkan Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin turtii taasisaniiru.

Antoonii Biliinkan yaadaa isaaniin Ameerikaan hojiirraa oolmaa waliigaltee Piriitooriyaa irratti mootummaa Ityoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kunis Ameerikaan Ityoophiyaa waliin dameewwan diinagdee fi kanneen biroorratti tumsa ishee kan cimsitu ta’uu dubbataniiru.

Waliigaltee nageenyaas qaamolee dhimmichi ilaallatuun guutummaattii fi haala itti fufiinsa qabuun wayita hojiirra ooluus, Ityoophiyaan oomishaalee ishee qaraxarraa bilisa Ameerikaatti erguun gara fayyadamtummaa ‘AGOA’tti deebisuuf Ameerikaan kutannoo qabaachuu himaniiru.

Ityoophiyaan ce’umsa haqa hojiirraa oolchuuf tattaaffii eegalte kan dinqisiifatan Antoonii Biliinkan, hojiirra oolmaan waliigaltee nageenyaas haala gaariin raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaa fi adeemsi hojiirraa oolmaa isaa, jireenya lammiilee walitti bu’iinsaan miidhaamanii akka fooyyessu eeranii, mootummaan Ityoophiyaas waliigaltecha hojiirraa oolchuuf kutannoon argisiisaa jiru kan dinqisiifatamu ta’uu eeran.

Yeroo ammaas dhiyeessiin deeggarsa namoomaa rakkoo tokko malee gara Tigraayitti ergamaa jiraachuu fi dhaabbileen garagaraa kenniinsa tajaajilaa eegaluu kaasaniiru.

Sagaleen meeshaalee waraanaa dhaabbachuuun, ABUT hidhannoo hiikkachuu fi humnoonni biroon Tigraay keessaa baafamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliigalteen nageenyaa raawwii hanga ammaatiin Ityoophiyaan gara ‘AGOA’tti deebisuu kan dandeessisu ta’uu Ministirri Dhimmaa Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan eeraniiru.

Yoonaattaan Yooseeftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.