Antoonii Biliinkan Dura Taa’aa Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliin mari’atan
Finfinnee, Bitooteessa 7, 2015 (FBC)- Ityoophiyaatti daawwannaa kan taasisanii turan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan Dura Taa’aa Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliin dhimmoota Ardii Afrikaarratti mari’ataniiru.
Waajjira gamtichaatti marii gaggeeffameen kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti walitti bu’iinsaa mudatee fi waraanichi akka dhaabbatuuf raawwii waliigaltee qaamolee lameenii ilaalameera.
Dabalataanis, dhimmoota waloo fi naannawaa irratti mari’achuu dura taa’ichi miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.