Fana: At a Speed of Life!

Antoonii Biliinkan waajjira jalqabaa Qonsilaa Ameerikaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessaa 6, 2015 (FBC)- Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Waajjira jalqabaa Qonsilaa Embaasii Ameerikaa dawwataniiru.

Mooraa Ameerikaa keessatti kan argamu mana jireenyaa Fiitaawuraarii Habtegiyoorgis Dinagdee kan ture bara 1930’oota keessa Waajjira Qonsilaa Embaasii Ameerikaa ta’uun tajaajilaa tureera.

Boodarra Mana Barnootaa Hawaasa Yemen ta’uun kan tajaajile ta’uun ibsameera.

Embaasiin Ameerikaa Fandii Hambaalee Ameerikaa waliin ta’uun gamoo mana jireenyaa Fiitawuraarii Habteegiyoorgis Diinagdee Mooraa Ameerikaa keessatti argamuu haaromsuun eebbisuu Dhaabbanni Pireesii Ityoophiyaa gabaaseera.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan daawwannaaf kaleessa galgala Finfinnee galuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.