Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Pireezidaantii Chaayinaaf ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Bitootessaa 6, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad irra deebiin yeroo 3ffaaf kan filataman Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ergaa isaaniin, Shii Jiinpiing Pireezidaantii Chaayinaa ta’uun irra deebiin filatamuu, maqaa isaanii fi mootummaa Ityoophiyaan baga gammaddan jechuun dhaamaniiru.

Dabalataanis, walta’iinsa tarsiimawaa gama lameenii hunda galeessaa cimsuuf kutannoo jiru irra deebiin mirkaneessaniiru.

Pireezidaantii Shii Jiinpiingiif yeroo hojii gaarii, Chaayinaa fi ummataa isheef nageenya, guddinaa fi badhaadhummaa waaraa hawwaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.