Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Feestivaalli Aadaa kabajamuu eegale

Finfinnee, Bitootessaa 6, 2015 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Feestivaalli Aadaa sagantaalee garaagaraan kabajamuu eegaleera.

Mata duree “Aadaan keenyaa waliin jireenyaa fi nageenyaa waaraa keenyaaf” jedhuun argisiisaa aadaa, marii paanaalii, egzibiishinii fi baazaariidhaan kabajamuu eegaleera.

Waltajjicharratti Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Ityoophiyaa Pirofeesar Ababaawu Ayyaaleewuun dabalatee qondaaltonni olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.