Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Raashiyaan diroonii koo rukutte jechuun komatte

Finfinnee, Bitootessa 6, 2015(FBC)- Ameerikaan Raashiyaan diroonii koo jeettii waraanaan rukutuun Garba Gurraacha keessatti kufiste jechuun komatte.

Ameerikaan jeettiin waraanaa Raashiyaa SU-27 jedhamuun beekamu diroonii koo tajaajila hordoffii odeeffannoo taasisu MQ-9 jedhamu rukkutee kuffiseera jechuun komatteetti.

Raashiyaan gama isheen dirooniin Ameerikaa kan kufe rakkoo teekinikaa isa mudateen ta’uu ibsiteetti.

Jeettiin waraanaa Raashiyaarraa haleellaan gosa kamiiyyuu kan hin raawwanne ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa beeksiseera.

Dabalataanis diroonichi naannawaa qilleensaa loltummaa Raashiyaa keessa seenee turuu ministeerichi yaadachiiseera.

Taatichaan booda Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa dhimmicharratti waliin dubbachuuf Ameerikaatti Ambaasaaddara Raashiyaa Anaatoolii Antoonoov waamuun isaa ibsameera.

Anaatoolii Antoonoov, sochii dirooniin Ameerikaa naannawaa Garba Gurraachaatti taasise akka qoccollootti kan ilaalan ta’uu ibsuusaanii CGTN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.