Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan waliin mari’atan.

Mariisaaniin waliigalteewwan nageenyaa Piriitooriyaafi Naayiroobiin booda adeemsa hojiirra oolmaa waliigalteewwan lameenii, hojiilee misoomaafi ijaarsa diimookiraasii biyyoonni lameen waliin hojjetaniifi dhimmoota biroorratti mari’achuu eerameera.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam mariisaanii ilaalchisuun ibsa kennaniin, anga’oonni lameen dhimmoota gam-lameefi naannawaarratti mari’achuu ibsaniiru.

Leeykuun Alamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.