Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti bu’aan qorannoo namoota mallattoo vaayrasii koroonaan walitti dhiyaatu agarsiisanii eeggamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 2,2012 (FBC) Namoota 5 irratti mallattoon vaayrasii koroonaan walitti dhiyaatu muul’atee bu’aan qorannoo isaanii eeggamaa jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Namoonni iddoo turmaata keessa galanii bu’aan qorannoo isaanii eeggamaa jiru kunneen 3 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 2 ammoo lammiilee Chaayinaa ta’uu daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Eebbaa Abaataan ibsaniiru.

Ityoophiyaan dhibee kana ittisuuf Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhibee Afrikaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Imaltoonni gama Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee fi galumsa biyyattiii hundaan gara Ityoophiyaa seenan kumni dhibbi 5 fi kumni 21 hoo’ina qoratamuun bilisa ta’aniiru jedhan.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.